3Obsaa Lyrics
- Genre:World Music/Folklore
- Year of Release:2021
Lyrics
3Obsaa - Yosan Getahun
...
==WALALOO SIRBICHAA==
Dho'aa dho'ee dho'e
Dhawwisa dha'ee dhoo'e
Dhawwisa jawwee saafaa
Naachi rifatee qabate
Naachatu riphee qabate
Ohoo ohoo ehee ehee
Dide aayyoo waayyuu dide
Fardi qofaa hin kaatu
Maaf qofaa kaate?
Dide garbuu nyaachu
Luugama nyaate
Bulloon garmaamu tola
Maaf mana hidhaa oola×2
Roobe bubbise buuse bakakkaa
Qaxxisa lole seenee walakkaa
Bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bullo ×2
Hayyicha sanyii gootaa
Yoo tuqan lolee isa qolachuu beeku
Maa tuttuqanii tola nurraa eegu.×2
Naanaa naanaa
Lammacha koo naanaa×2
Yaa lammachakoo
Yaa lammachakoo
Lammachi fardaa
Yoo kaate tola
Lammachi sangaa
Yoo qote tola
Lammachi harree
Yoo baate tola
Lammachi namaa
Yoo lole tola
Reebicha dibbee
Sirba karaa kaabaa
Faana ragaduu kuni madaa nu qaba
Faana kana nurraa dhaabaa
Shishiqirrisee marxifatee kaabbaa
Maaliif na firoomsa wanbadeen kaabaa
Goota dhabanii callifachuun hooda
Dhiiga marartuu sana nuu barbaadaa
Geeraru malee
An akkamiin cooku
Haa ba'u gumaan
Ilma dhugaa beekuu.×4
Bulloon garmaamu tola
Maa mana hidhaa oolaa
Obsaan sadii obsa
Obsi tokkicha
Agartu yaadatta isa gaafichaa
Birraa abdatanii
Ganna hin qoosani
Murtee bara kanaa kana hin beekani
Dhugaatu nu qaba
Yaa dhugaa dhabaa
Hacuucamni rabbii obsi waa qaba
Sagaltama garbaa ce'e miillikee
Yoo humna dhabdellee jira waaqnikee
Walee kiyya walee
Yaa walaawwaltuu
Asan jira jettee natti hin birmattuu
Bulloo bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bulloo
==END===